Ibsa Ijjannoo: Qeerroo Bilisummaa Oromoo irraa kenname Haala yeroo biyyattii fi Oromiyaa keessatti tahaa jiru ilaalchisuun qeerron bilisummaa Oromoo ibsa ijjannoo armaan gadii baafannee jirra. 1). Finfinneen seenaanis seeranis tan Oromoo waan taatef bulchiinsa Oromiyaa jalatti deebi’uu qabdi. 2). Ajjeechan, hidhaa fi gidiraan maqaa ABOtiin sabboontota Oromoo irratti gaggeeffamaa jiru hatattamaan haa dhaabbatu. 3). Araarri ABO fi mootummaa giddutti godhamaa jiru hatattamaan hojirra ooludhaan Oromiyaa keessatti nagaan waaran haa bu’u. 4). Mootummaan waadaa gale hojirra oolchudhaan Afaan Oromoo haal duree tokkoon maletti Afaan Amaaraa wajjiin hatattamaan Afaan hojii mootummaa fedraalaa haa tahu. 5). Magaalonni Oromiyaa kan akka Dirredhawaa fi Harar Oromiyaa jalatti haa deebi’an. 6). Qabsaa’onni Oromoo kan akka #JaalNadhiiGammadaa, Abbaa Gadaa #DabbasaaGuyyoo fi ilmaan Oromoo hanga ammaatti achi buuten isaanii sirna mootummaa EPRDFdhabamsiifaman barbaadamuun yoo lubbuun jiraatan akka nuuf gad lakkifaman, yoo lubbuun hin jiraanne ekeraan isaanii uummata Oromoo fi maatii isaanitiif kennamuun uummanni Oromoo kabajaan akka awwaallatu ni gaafanna. 7). Siidan gootota Oromoo kan akka #Taaddasaa Birruu #Jaarraa AbbaaGadaa #Maammoo Mazammir #Waaqoo Guutuu fikkf handhuura Oromiyaa Finfinnee keessatti haa dhaabbatu. 8). Uummata Oromoo naannoo Sumaalee irraa shira diinan buqqifamuun hojii dhabee, mana jireenyaa dhabee, nyaata dhabuun hanga ammaatti osoo hin qubsiifamin rakkoo hammaataa keessa jiran qubsiisudhaan qabeenya fi wanti hojii hojjachuun ittiin of jiraachisan akka kennamuuf ni gaafanna. 10). Dhiha Oromiyaa Wallagga bahaatti ajjeechaa waraanni mootummaa obboloota lamaan irratti raawwate cimsinee balaaleffanna. Qaamni ilmaan Oromoo irratti ajjeechaa raawwate seeratti akka dhihaatu ni gaafanna. 11). Qaamonni ilmaan Oromoo ajjeesaa, buqqisaa, reebsisaa, saamaa turan hundi seeratti akka nuuf dhihaatan ni gaafanna. 12). Qabeenyi Oromoo kan alagaan saamame hundi uummata Oromoof akka deebi’u ni gaafanna. 13). Waraanni raayyaa ittisa biyyaa dhiha Oromiyaatti uummata goolaa jiru uummata keessaa haa bahu. 14). Qonnaan bulaa Oromoo lafa isaa irraa buqqifame beenyan gahaan kennameefii deebifamee haa qubsiifamu. 15). Dhaabbileen siyaasaa Oromoo tokko tahuu qabu. Dhaabni siyaasaa tokkummaa jibbu kan kutaan, gandummaan, gosummaan socho’u uummata Oromoo bakka hin bu’u. Gurraandhala 2019 OROMIYAA QEERROO BILISUMMAA OROMOO.

Itti gaafatamni guutuu WBO Abbootti Gadaa Oromoof tahuu HD-ABO Obbo Dawud Ibsaa iraa deebi’uun mirkaneeysan. ======================= Feb.12/2019 Finfinnee-Oromiyaa HD-ABO Obbo Dawud Ibsaa itti gaafatamni guutuun WBO kan Abboottii Gadaa tahuu irra deebi’uun mirkaneeysee WBO Zooniilee gara-garaa keeysa jiran hundi isaanii ajaja Abbotti Gadaa fudhatuu kan qaban tahuu ajaja dhaabaa sirnaan dabarseefii jira. Akkuma beekkamuu koreen tikniikaa tan araaraa ABO fi ODP irratti hojjchaa jirtuu Ibsa Midealee biyyattiif kennaniin bakkoota 22tti bobbahuudhaan WBO mooraalee gara-garaatti galchuuf motummaa naannoo Oromiyaa waliin kan marii xumuratanii jiran tahuu ibsaniiti jiran. ABOn karaa nageeyaatiin Qabsaawuuf Qabsoo hidhannoo lagatee biyyatti galee waan taheef WBOn ajaja dhaabaa kana hujitti hiikuun mooraalee isaaf qophaawetti akka galuuf itti Aanaan HD ABO Obbo Araarsoo Biqilaa yeroo gara-garaatti WBOf waamicha godhuun isaa ni yaadatama. Haa tahuu malee motummaan naannoo Oromiyaa murtiilee Abbootti Gadaa kana hagam hujitti hiikuuf jiraatan jechuudhaan xinxaltootaa fi qorattoonni dhimma ABO fi ODP ija shskkiin kan laalaa jiran tahuun ni hubatama.#oromia

GURRAANDHALA 12,2019 Ilmaan abbaa tokkoo guyyaa har’aa boolla tokkotti awwaalaman. Harmeen Ilmaanshee lamaan dhabde. Qe’een maatii obbo Qanaatee daa’imman ol adeemoo Kanneen kichuutti dhabe gaddaan haguugame. Haati deessee barumaan ilmaanshee rasaasaaf aarsaa gooti. Daa’imman ol adeemoo Kanneen awwaalanii garaa maaliin obsuree! Wallagga Bahaa Ona Eebantuutti Obbolaan lama hangafaaf quxusuu kora bittinneessaa Oromiyaan ajjeefamanii har’a awwaalaman. Guraandhala 12/02/2019 Boolla keessan daadhiin haa guutu.

Siidaan Mootii Hayilesillaasee Magaalaa Finfinnee Keessatti Dhaabbate. 02/10/2019. =========== Siidaan mootii Hayilesellaasee guyyaa har’aa magaalaa Finfinnee keessatti dhaabbachuun qabsaa’ota Oromoo kan dheekkamsiisaa jiru yammuu ta’u Habashoota garuu gammachiisaa jira. Siidaan bara mootummaa Dargii fi bara olaantummaa mootummaa TPLF illee dhaabbachuuf carraa hin argatiin kun bara ODPn (Oromoon) “olaantummaa” argateera jedhame kana keessatti dhaabbachuun mootummaan kun mootummaa dantaa fi mirga Oromoof hin yaadne ta’uu fi suuta suuta biyyattiin sirna bara mootii Hailesillaasee sanatti sigigaachaa kan jirtu ta’uu kanneen mul’isan keessaa tokko ta’ee argama. Yeroo “bilisoomneerra” jedhamaa jiru kana keessatti silaa kan eegamu, siidaa gabroomfataa dhaabuu utuu hin ta’iin siidaa qabsaa’ota Oromoo kanneen akka Jeneraal Taaddasaa Birruu faa dhaabuu tu mala ture. Siidaa gabroomfattootaa kanneen jiraniyyu buqqisanii muuziyeemii keessa kaa’uu tu mala ture. Ummanni Oromoo maal jedha, maal barbaada, jedhanii gaafachuu tu mala ture. Mootummaan Dr. Abiyyi tarkasnfii har’a fudhate kanaaf itti gaafatama seenaa jalaa hin ba’u jedhu beektonni Oromoo nu haasofsiifne. Hordoftoota keenyaa dhimma Siidaa Hailesillaasee kanarratti sagantaalee adda addaa qabnu keessaatti beektota Oromoo kan dhiheessinee mariisisnu ta’uu isin beeksifna.

GURRAANDHALA 10,2019 Guraadhalaa 9/2/2019. Godina Qeleem Wallaaggaa Aanaa Gawwoo Qebeti kan argamuu hojeta Wajira Fayyiinnaansii kana ta’e Mammuudii Toloossaa gafa 7/2/2019 humna waraannaan wajira isaa keessaa Buttaamuun erga fudhaan hanga guyyaa haraatii dararaa guddaa irraan gaha kan jiraan ta’e iyyuu Accuont Facebook isaa humnan pasword isaa dirqisisuun ittii fayyaadamaa kan jiraan ta’uu hubataanii Uumanii Oromo fi Qe’eeroon Billiisumaa Oromoo facebook Mammuudii Tolleessaa ti yaada keessaa akka itti hin keenniin irraas hin fudhannee isiin hubachisan . Sababni isaa Bilbilaa Mammuudii Tolloossaati warana EPRDFtu fayyaadamaa jira.

GURRAANDHALA 09,2019 Godina Qellam Wallaggaa Ona Anfilloo magaalaa Muggii keessatti ganama kana waraanni mootummaa EPRDF humnaan mooraa Haji Yaasin Sayid cabsanii seenuun maanguddoo biyyaa bakka isaan ciisaa turanii kaasanii badii tokko malee reebaa fuudhaanii deemaniru. Qeerroo fi Uummati naannoo sana jirta jala bu’uun bakka isaan geessan akka hordoftan isiniin jenna. Mootummaan yeroo ammaa kana murtii abbootii gadaarra tarkaanfatee humna qabutti fayyadamuun Oromiyaa bakkoota addaa addaatti keessatti nama hiraarsuu fi hidhuu itti fufee jira. #Free_Yaasin_Sayiid